اورومي ژباړه
اورومي ژبې ته د قرآن کریم د معناګانو ژباړه، ژباړوونکی: غالي ابابور اباغونا. چاپ کال ۲۰۰۹م.
إِذَا وَقَعَتِ ٱلۡوَاقِعَةُ
Yeroo argamtuun (Qiyaamaan) buute.
لَيۡسَ لِوَقۡعَتِهَا كَاذِبَةٌ
Argama isheetiif kijibsiiftuun hin jirtu.
خَافِضَةٞ رَّافِعَةٌ
Gadi qabduu, ol fuutuudha.
إِذَا رُجَّتِ ٱلۡأَرۡضُ رَجّٗا
Yeroo dachiin raafama cimaa raafamte.
وَبُسَّتِ ٱلۡجِبَالُ بَسّٗا
(Yeroo) gaarreenis facaafamiinsa facaafamte,
فَكَانَتۡ هَبَآءٗ مُّنۢبَثّٗا
Dhukkee facaafamtuu taate,
وَكُنتُمۡ أَزۡوَٰجٗا ثَلَٰثَةٗ
(Yeroo) Isinis garee sadi taatan,
فَأَصۡحَٰبُ ٱلۡمَيۡمَنَةِ مَآ أَصۡحَٰبُ ٱلۡمَيۡمَنَةِ
(Gareen tokko) warra mirgaati; warri mirgaa akkam (milkaa’oo dha)!
وَأَصۡحَٰبُ ٱلۡمَشۡـَٔمَةِ مَآ أَصۡحَٰبُ ٱلۡمَشۡـَٔمَةِ
(Gareen lammaffaan) warra bitaati; warri bitaa akkam (hoonga’oo dha)!
وَٱلسَّٰبِقُونَ ٱلسَّٰبِقُونَ
(toltutti) dursitoonni (jannatatti) surditoota.
أُوْلَٰٓئِكَ ٱلۡمُقَرَّبُونَ
Isaan (Rabbitti) dhiheeffamoota.
فِي جَنَّٰتِ ٱلنَّعِيمِ
Jannatoota qananii keessatti ta’u.
ثُلَّةٞ مِّنَ ٱلۡأَوَّلِينَ
Warra duraa irraa baay’eedha.
وَقَلِيلٞ مِّنَ ٱلۡأٓخِرِينَ
Warra boodaa irraa immoo xiqqoodha.
عَلَىٰ سُرُرٖ مَّوۡضُونَةٖ
Sireewwan dhawamte irratti ta’u.
مُّتَّكِـِٔينَ عَلَيۡهَا مُتَقَٰبِلِينَ
Fuulaan walitti garagalanii ishee irratti irkatoo tahanii.
يَطُوفُ عَلَيۡهِمۡ وِلۡدَٰنٞ مُّخَلَّدُونَ
Ijoollee (ijoollummaan) yeroo hunda jiraatantu isaan irra naanna’a.
بِأَكۡوَابٖ وَأَبَارِيقَ وَكَأۡسٖ مِّن مَّعِينٖ
Kubbaayyaa, quluufi geeba (xoofoo) farsoo irraa ta’een.
لَّا يُصَدَّعُونَ عَنۡهَا وَلَا يُنزِفُونَ
Isii irraa hin bowwaafatan; hin machaa’anis.
وَفَٰكِهَةٖ مِّمَّا يَتَخَيَّرُونَ
Fuduraalee irraa waan isaan filataniin (irra naanna’u).
وَلَحۡمِ طَيۡرٖ مِّمَّا يَشۡتَهُونَ
Foon allaattii irraas waan isaan fedhaniin.
وَحُورٌ عِينٞ
Dubra adaadii ija babal’ootu (isiniif jira.)
كَأَمۡثَٰلِ ٱللُّؤۡلُوِٕ ٱلۡمَكۡنُونِ
Akka faaya eegamaa kan fafakkaatan.
جَزَآءَۢ بِمَا كَانُواْ يَعۡمَلُونَ
Mindaa waan hojjataa turaniif jecha (kana isaaniif goone).
لَا يَسۡمَعُونَ فِيهَا لَغۡوٗا وَلَا تَأۡثِيمًا
Isii (jannata) keessatti wacaafi wal yakkuu hin dhaga’an.
إِلَّا قِيلٗا سَلَٰمٗا سَلَٰمٗا
“Nagayaa nagayaa waliin jechuu malee” (hin dhaga’an).
وَأَصۡحَٰبُ ٱلۡيَمِينِ مَآ أَصۡحَٰبُ ٱلۡيَمِينِ
Warri mirgaa; warra mirgaa (waa’een isaanii akkam tola!).
فِي سِدۡرٖ مَّخۡضُودٖ
(Isaan) mukkeen qurquraa kan qoree hin qabne keessa jiraatu.
وَطَلۡحٖ مَّنضُودٖ
Muuza firiidhaan guutame (keessa jiraatu).
وَظِلّٖ مَّمۡدُودٖ
Gaaddisa diriirfamaa (keessa).
وَمَآءٖ مَّسۡكُوبٖ
Bishaan dhangala’u (biratti).
وَفَٰكِهَةٖ كَثِيرَةٖ
Fuduraalee baay’ee (keessa).
لَّا مَقۡطُوعَةٖ وَلَا مَمۡنُوعَةٖ
Kan maddi isaanii hin cinneefi kan irraa hin dhorgamne (keessa).
وَفُرُشٖ مَّرۡفُوعَةٍ
Firaasholee ol fuudhamtuu (keessa jiraatu.)
إِنَّآ أَنشَأۡنَٰهُنَّ إِنشَآءٗ
Dhugumatti, Nuti (dubartoota jannataa) uuminsa isaan uumne.
فَجَعَلۡنَٰهُنَّ أَبۡكَارًا
Dubroota isaan goone.
عُرُبًا أَتۡرَابٗا
Jaallattoota (abbaa manaa), kan hiriyoota ta’an (isaan goone).
لِّأَصۡحَٰبِ ٱلۡيَمِينِ
Warreen mirgaatiif (qophaa’an).
ثُلَّةٞ مِّنَ ٱلۡأَوَّلِينَ
Hedduun (isaanii) warra duraa irraayi.
وَثُلَّةٞ مِّنَ ٱلۡأٓخِرِينَ
Warra boodaa irraahis baay’eedha.
وَأَصۡحَٰبُ ٱلشِّمَالِ مَآ أَصۡحَٰبُ ٱلشِّمَالِ
Warra bitaa; warri bitaa akkam (fokkatu)!
فِي سَمُومٖ وَحَمِيمٖ
Ibidda laalessaafi bishaan danfaa keessa jiraatu.
وَظِلّٖ مِّن يَحۡمُومٖ
Gaaddisa aara gurraacha irraa ta’e keessa.
لَّا بَارِدٖ وَلَا كَرِيمٍ
(Gaaddiisa) qabbanaa’aa hin ta’iniifi gaariis hin ta’in.
إِنَّهُمۡ كَانُواْ قَبۡلَ ذَٰلِكَ مُتۡرَفِينَ
Dhugumatti, isaan sana dura qanansiifamoo turan.
وَكَانُواْ يُصِرُّونَ عَلَى ٱلۡحِنثِ ٱلۡعَظِيمِ
Dilii guddaa itti fufu turan.
وَكَانُواْ يَقُولُونَ أَئِذَا مِتۡنَا وَكُنَّا تُرَابٗا وَعِظَٰمًا أَءِنَّا لَمَبۡعُوثُونَ
“Sila yeroo duunee biyyeefi lafee taane, dhugumatti nuti kaafamoodhaa?” jedhaa turan.
أَوَءَابَآؤُنَا ٱلۡأَوَّلُونَ
“Abbootiin keenya kan jalqabaas moo?” (jechuu turan).
قُلۡ إِنَّ ٱلۡأَوَّلِينَ وَٱلۡأٓخِرِينَ
“(Yaa Muhammad!) jedhiin isaan jalqabaatii fii isaan boodaas (ni kaafamu)”.
لَمَجۡمُوعُونَ إِلَىٰ مِيقَٰتِ يَوۡمٖ مَّعۡلُومٖ
Beellama guyyaa beekamaa keessatti walitti qabamuuf jiru.
ثُمَّ إِنَّكُمۡ أَيُّهَا ٱلضَّآلُّونَ ٱلۡمُكَذِّبُونَ
Ergasii isin yaa jallattoota sobsiiftotaa!
لَأٓكِلُونَ مِن شَجَرٖ مِّن زَقُّومٖ
Muka Zaqquum irraa nyaatoodha.
فَمَالِـُٔونَ مِنۡهَا ٱلۡبُطُونَ
Ishee irraas garaa keessan guuttatoodha.
فَشَٰرِبُونَ عَلَيۡهِ مِنَ ٱلۡحَمِيمِ
Isa irrattis bishaan danfaa dhugoodha.
فَشَٰرِبُونَ شُرۡبَ ٱلۡهِيمِ
Dhugaatii akka gaala dheebotee dhugdu.
هَٰذَا نُزُلُهُمۡ يَوۡمَ ٱلدِّينِ
Kun keessummummaa isaanii kan guyyaa murtiiti.
نَحۡنُ خَلَقۡنَٰكُمۡ فَلَوۡلَا تُصَدِّقُونَ
Nuti isin uumnee; maaliif hin dhugoomsine?
أَفَرَءَيۡتُم مَّا تُمۡنُونَ
Waan (maniyyii) dhangalaaftan san mee naaf himaa?
ءَأَنتُمۡ تَخۡلُقُونَهُۥٓ أَمۡ نَحۡنُ ٱلۡخَٰلِقُونَ
Sila isintu isa uumamoo? Nutu uumoo dha?
نَحۡنُ قَدَّرۡنَا بَيۡنَكُمُ ٱلۡمَوۡتَ وَمَا نَحۡنُ بِمَسۡبُوقِينَ
Nutu du’a gidduu keessanitti murteesse. Nuti dadhabsiifamoo miti.
عَلَىٰٓ أَن نُّبَدِّلَ أَمۡثَٰلَكُمۡ وَنُنشِئَكُمۡ فِي مَا لَا تَعۡلَمُونَ
Fakkaataa keessan jijjiiree, waan isin hin beekne keessatti isin uumuu irratti (dadhaboo miti).
وَلَقَدۡ عَلِمۡتُمُ ٱلنَّشۡأَةَ ٱلۡأُولَىٰ فَلَوۡلَا تَذَكَّرُونَ
Dhugumatti, akkaataa uumama jalqabaa beektanii jirtu; maaliif hin gorfamne?
أَفَرَءَيۡتُم مَّا تَحۡرُثُونَ
Mee waa’ee waan facaaftanii naaf himaa!
ءَأَنتُمۡ تَزۡرَعُونَهُۥٓ أَمۡ نَحۡنُ ٱلزَّٰرِعُونَ
Isintu isa biqilcha moo Nutu biqilchoo dha?
لَوۡ نَشَآءُ لَجَعَلۡنَٰهُ حُطَٰمٗا فَظَلۡتُمۡ تَفَكَّهُونَ
Odoo feenee caccabaa goona. kan dinqisiifattan taatan.
إِنَّا لَمُغۡرَمُونَ
“Nuti dhugumatti hoonga’oodha”(jettu).
بَلۡ نَحۡنُ مَحۡرُومُونَ
“Lakkisaa; nuti dhorgamoodha” (waliin jettu).
أَفَرَءَيۡتُمُ ٱلۡمَآءَ ٱلَّذِي تَشۡرَبُونَ
Mee waa’ee bishaan dhugdanii san Naaf himaa?
ءَأَنتُمۡ أَنزَلۡتُمُوهُ مِنَ ٱلۡمُزۡنِ أَمۡ نَحۡنُ ٱلۡمُنزِلُونَ
Sila duumessa irraa isintu isa buusee? Moo Nutu (isa) buusoo dha?
لَوۡ نَشَآءُ جَعَلۡنَٰهُ أُجَاجٗا فَلَوۡلَا تَشۡكُرُونَ
Odoo feenee soogiddoo (kuraawaa) isa taasifna. Sila maaliif (Rabbiin) hin galatoomfanne?
أَفَرَءَيۡتُمُ ٱلنَّارَ ٱلَّتِي تُورُونَ
Mee waa’ee ibidda qabsiifattanii san naaf himaa?
ءَأَنتُمۡ أَنشَأۡتُمۡ شَجَرَتَهَآ أَمۡ نَحۡنُ ٱلۡمُنشِـُٔونَ
Sila muka ishee isintu biqilchee? Moo Nutu biqilchoo dha?
نَحۡنُ جَعَلۡنَٰهَا تَذۡكِرَةٗ وَمَتَٰعٗا لِّلۡمُقۡوِينَ
Nuti isii (bidda tana) gorsaafi qananii imaltootaa goone.
فَسَبِّحۡ بِٱسۡمِ رَبِّكَ ٱلۡعَظِيمِ
Maqaa Gooftaa kee Isa guddaa faarsi.
۞ فَلَآ أُقۡسِمُ بِمَوَٰقِعِ ٱلنُّجُومِ
Seensa urjiiwwaniitiniin kakadha.
وَإِنَّهُۥ لَقَسَمٞ لَّوۡ تَعۡلَمُونَ عَظِيمٌ
Inni odoo beektanii kakuu guddaadha.
إِنَّهُۥ لَقُرۡءَانٞ كَرِيمٞ
Inni Qur’aana kabajamaadha.
فِي كِتَٰبٖ مَّكۡنُونٖ
Kitaaba akkaan eegamaa (Lawhal Mahfuuz) keessa jira.
لَّا يَمَسُّهُۥٓ إِلَّا ٱلۡمُطَهَّرُونَ
Warra qulqulluu malee (eenyulleen) isa hin tuqu.
تَنزِيلٞ مِّن رَّبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ
Gooftaa aalama hundaa irraa buufamaadha.
أَفَبِهَٰذَا ٱلۡحَدِيثِ أَنتُم مُّدۡهِنُونَ
Sila haasa’a kanaa kan isin laaffiftan?
وَتَجۡعَلُونَ رِزۡقَكُمۡ أَنَّكُمۡ تُكَذِّبُونَ
(Galata) rizqii (rooba) keessanii kijibsiisuu gootanii?
فَلَوۡلَآ إِذَا بَلَغَتِ ٱلۡحُلۡقُومَ
sila Yeroo (lubbuun) kokkee geesse, (maaliif hin deebiftanuu)?
وَأَنتُمۡ حِينَئِذٖ تَنظُرُونَ
Odoo yeroo san isin ilaaltanuu,
وَنَحۡنُ أَقۡرَبُ إِلَيۡهِ مِنكُمۡ وَلَٰكِن لَّا تُبۡصِرُونَ
Nuti isin caalaa gara isaatti dhihoo jirra garuu Isin hin argitan malee.
فَلَوۡلَآ إِن كُنتُمۡ غَيۡرَ مَدِينِينَ
Yoo (kaafamtanii) kan galata hin galfamne taatan (lubbuu san deebisaa).
تَرۡجِعُونَهَآ إِن كُنتُمۡ صَٰدِقِينَ
Yoo kan dhugaa dubbattan taatan maaliif hin deebiftanu?
فَأَمَّآ إِن كَانَ مِنَ ٱلۡمُقَرَّبِينَ
Yoo inni (namni du’e sun) namoota Rabbitti dhiyeeffaman irraa ta’e,
فَرَوۡحٞ وَرَيۡحَانٞ وَجَنَّتُ نَعِيمٖ
(Isaaf) haara galfii, gammachuufi jannata qananiitu jira.
وَأَمَّآ إِن كَانَ مِنۡ أَصۡحَٰبِ ٱلۡيَمِينِ
Yoo inni warra mirgaa irraa ta’e immoo,
فَسَلَٰمٞ لَّكَ مِنۡ أَصۡحَٰبِ ٱلۡيَمِينِ
Warra mirgaa irraa waan taateef nagaan siif haa jiraatu” (isaan jedhama)
وَأَمَّآ إِن كَانَ مِنَ ٱلۡمُكَذِّبِينَ ٱلضَّآلِّينَ
Yoo sobsiiftota jallattoota irraa ta’e immoo,
فَنُزُلٞ مِّنۡ حَمِيمٖ
Isaaf afeerraa bishaan danfaa irraa ta’etu jira.
وَتَصۡلِيَةُ جَحِيمٍ
Jahiim seenuutu isaaf jira.
إِنَّ هَٰذَا لَهُوَ حَقُّ ٱلۡيَقِينِ
Inni (wanti suuraan ibsite) kun haqa mirkanaa’aadha.
فَسَبِّحۡ بِٱسۡمِ رَبِّكَ ٱلۡعَظِيمِ
Maqaa Gooftaa kee guddaa ta’ee faarsi (qulqulleessi).
مشاركة عبر